BEEKSISA AMANTTI KRISTIYAANAA
An nan amana hundumaa kan dan danda’u
Waaqayyo Abaatti Uumaa waaqaatii fi lafaatti,
An nan amana tokkicha ilma isaa
Yesuus Kristos gooftaa keenyattis,
Hafuura qulqulluudhaan Maariyaam durbattii
Kan Ulfeeffame, kan dhalate,
Bara Phillaaxos Phenxenichaatti
kan dhiphate,
Kan fannifames, Kan du’es,
kan awwaalames,
Si ‘oolittis kan gadi bu’e,
Guyya sadaffaattis du’aa kan ka’e,
Gara waaqaattis kan ol ba’e,
Gara mirga isa hundumaa danda’u
Waaqayyo Abbaa kan taa’u,
Warra Jiranii fi warra du’anitti
faradduu dhaaf achii kan deebi’u.
Nan amana, Hafuura qulqulluutti,
Tokkitti qulqullooftuu Waldaa Kristiyaanaa Ergamootaa,
Tokkumma qulqullootaa, dhiifamuu cubbuu, du’aa ka’uu foonii
Jireenya bara- baraas; Amen!
Kadhata Gooftaa
Yaa Abbaa keenyaa
Waaqa irraa kan jiraattu
Maqaan kee ha qulqullaa’u
Mootummaan kee haa dhufu
Jaalalli kee waaqa irratti akkuma
ta’e
Akkanumas lafa irratti ha ta’u
Kan nu ga’u buddeena keenya har’aa nuuf
keenni
Yakkaa keenyas nuuf dhiisi
Nuyis immoo kan nu yakkannuuf akkuma dhiifnu
Qoramatti nu hin galchin
Hamaa nu oolchi malee
Mootummaan kan kee ti woo
Humnis, galannis, baraa amma bara-baraatti; Ameen!